Namoonni qabsoo Oromoo gufachiisuuf bobba’an 7 qabaman.

Uummanni Oromoo qabsoo karaa nagaa akka seerri eeyyamutti geggeessuudhaan Mootummaa abbaa irree Wayyaanee hundeedhaa sochoosaa yeroo jirutti Wayyaanoonni akkuma barametti qabsoo uummata Oromoo ija adduunyaa durattii hammeessuuf jedhanii tooftaalee garaagaraatti fayyadamaa jiran.

Kanaaf uummanni Oromoo tooftaalee isaan baasanii  itti fayyadamuuf  adeemaa jiran kana uummanni Oromoo waliigaleetoo karoora isaanii kana harkatti fashaleessu dandahuu qabu.kanaaf Mootummaaan abbaa irree  Wayyaaneen uummata saba Oromoo hin taanee afaan barsiisuun qabsoo Oromootti boobbasuudhaan sabboontoota ilmaan Oromoo waliin walitti makanii akka qabsoon kun gufatu tasisaa jiru.

Akka fakkeenyaatti hirrira mormii dhiyoo kana guutuu Oromiyaa keessatti ademsifamaa jiru keessaa diinoonni ilmaan keenya keessa galuun wareegama hin barbaachisne kafalchiisaa jiru.

Taateewwan kun ammoo  qabatamaan kan irra gahame naannoo Oromiyaa Shawaa kaabaa(Salaale) aanaa Kuyyuu  magaala Garba Gurraacha fi aanaa Warra Jaarsoo keessatti ergamtootni diinaa namoota  torba Mootuummaa Etoophiyaatiin lenjifamanii tooftaalee garaagaraatti fayyadamuun osoo socho’aa jiranuu Polisoonni  fi uummanni naannichaa tokko tahuudhaan diinoota kana to’annaa jala oolchanii jiran.

Namoota qabaman keessaa maqaan isaanii:-

Fiqre Banga -warra Kibbaa
Xahir Huuseen -Finfinnee
Darajjee Taaddese -Dabraa markos
Asanaa Nagash -Kibba
Wendsen Li’ul -Gojjam
Geta Mohamed -Shawa Roobii yoo tahu tokko maqaa isaa hin arganne.

Namtichi Fiqre Banga jedhamu kun yeroo qabamu waraqaa eenyummaa teessoo fi maqaa garaagaraa hedduu kan qabu yoo tahu dabalataan qarshii 25 0000 waliin qabamuun isaa beekameera.Kunis kan mul’isu hagam akka Wayyaaneen haala mijeessitee ta’e jettee akka isaan nutti bobbaaftee fi qabsoo bifa nagaatiin geggeessaa jirru nuharkaa balleessuuf akka tahe beekamadha.Kunis kan tahu badiilee garaagaraa kan akka qabeenya balleessuu irratti  uummata dogoggoraan badiitti oofuudha.

Badiilee osoo isaan dalagaa jiran itti qabaman  keessaa muraasni :-Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo qabachuudhaan karaa irratti bahuudhaan uummata afaan faajjeessuuf dura bu’anii badii qabeenyaa mancaasuu irratti adda dureedhaan isaanummaan gubuudhaan akka uummanni badii kana ofiin ta’e jedhee balleessetti fakkeessuun ergamtootni akka isaanii biroo tigroonni uuffata Poolisii naannoo Oromiyaa uuffachiifamanii  uummata irratti tarkaanfii ajjeechaa jibbaa fii gara jebeenya uummata Oromoo irratti qaban argisiisuun dargaggoota ilmaan Oromoo harka duwwaa jirtu nama torba battalumatti yeroo ajjeesan,dargaggoon tokko immoo mana yaalaa osoo hin gahin lubbuun isaa dabarte.Walii galatti Lubbuu ilmaan keenyaa saddeet gaalafatan.

Gochi isaanii kun naannoo Oromiyaa hunda keesatti ifa bahuu baatus harka wayaa jalaatiin waan adeemsisaa turanii dha.Tarkaanfiin Mootummaa hattuu Wayyaanee kun qabsoo fii uummata Oromoo haalaan miidhuu akka dandahu shakkiin hin jiru sababni isaas ilaalchi isaanii qabeenyaa fii uummata Oromoo akka ol hin jenne dadhabsiisuu yaalaa jiru.

Gama biraatiin ilaalcha Adduunyaan qabsoo uummata Oromoof qabdu kana duubatti deebisuuf ykn hammeessanii dhiheessuuf murteeffatanii ka’an asumarraa hubanna.

Karaa biraatiin yeroo uummanni Oromoo waraana keessan nurraa baasaa jedhee gaafatutti mala ittiin deebisanii Oromiyaa waraanaan uummata to’ataniif sababa akka ta’u godhachuu fi Uummanni deebihee akka waliif hin galle garaagaruummaan uummataa akka babal’atus gochaa jiru.Asumaan nutis uummanni Oromoo akka jabeessee of eeggatuu fii gufuu isaan uumaa jiran kanaaf akka hin daddaaqamne waamicha goona.

Wayyaaneen akkuma barame hannaa fi Saamicha irra jirti.

 Ji’uma kana keessa Sukkaara kuntaala kuma afurii (4000) ol kan ta’u  hannaan gara Keeniyaa osoo deemaa jiruu Poolisii Oromiyaatiin qabamee itti gaafatama eenyuutin akka gurguramuuf deemaa jiru abbaa itti barbaadanis waan hin argineef gara handuura biyyaatti deebisuu isaanii kan namni hasaa’aa turedhaa.wanti nuti asi irraa hubannu Mootummaan abbaa irree  Wayyaanee hammeenyaa,jibbaa fi hannaa qofa kan beekame osoo hin taane malaammaltummaan kan guutamedhaa.

Dabalataan waayyaaneen humnaan aangoo isaaniitiin umrii dhereeffatanii qabeenya uummata Oromoo hanga har’aatti kan isaan samaa jiran, isaan hanqatee ammas dabalataan uummata naannoo magaalaa jiran lafa isaanii irraa buqqisuu, qabeenya Oromoo hatanii Maqaleetti galchuuf yeroo baay’ee osoo yaalanii mul’ataniiru.

Fakkeenyaaf Kanaan dura Waarshaalee Oromiyaa keessa jiran buqqisanii godaansisuun tooftaa isaanii yeroo dheeraa akka goondaatti naannoo garaagraa irraa hatanii  waan booda maqaleetti  ittiin bulan awaallachaa jiru.

Haaluma kanaan waarshaa Rasaasaa buqqisanii Maqalee geessuun isaani hunduu keenya kanuma beeknudhaa.

Dhiyoo kanas waarshaa bishaan albuuda amboo buqqisanii hatuun osoo godaansisuuf jedhanii yeroo darbe Qeerroo fi Poolisiin Oromiyaa osoo isaan fe’atanii  deemaa jiranuu harkatti qabanii akka deebisan uummanni nii duubata.

Kanaafuu uummatni Oromoo hiriira baanee mormii qofa dhageessisuu osoo hin taanee tarkaanfii Wayyaanee tokko tokkoon eeguu qabna.Qabeenyi biyya sana keessa jirus guddaan keenya kanaafuu yoo balleessines miidhaan isaa keenyuma.

Kanaafuu Qabeenya keenya qubuu irra tajaajila uummataaf olchuun ykn warra qabeenya keenya seeraan ala itti fayyadaman irraa dhoowwachuu dandahuu qabna.

Please follow and like us:

Enjoy this blog? Please spread the word :)